Telegram Group & Telegram Channel
TIKVAH AFAAN OROMOO
#Update Artist Andu'aalam Gosaa du'a kaadhimaa isaa Qananii Addunyaan shakkamee erga to'atamee guyyaa lama booda mana murtiitti dhihaate. Abukaatoon isaa Obbo Liban Abdii BBC'tti akka himanitti, poolisiitu Andu'aalam mana murtii federaalaa dhaddacha Araadaatti…
Du'a Qananii Addunyaa ilaalchisee miidiyaaleen dhaddacha seenanii akka hin gabaasne Manni Murtii Federaalaa dhorke.

Galmeen saaqamee daqiiqaawwan muraasa booda miidiyaaleen dhaddacha gadi dhiisanii akka bahan taasifameera.

Manni Murtii Federaalaa Jalqabaa Ramaddii Araadaatti dhaddachi beellama yeroo tokkoffaa du'a jaalallee weellisaa Andu'aalam Gosaa shamarree Qananii Addunyaan walqabatee miidiyaaleen dhaddacha seenanii akka hingabaasne dhorke.

Manni Murtichaa bu'aa qorannoo Poolisii dhaggeeffachuuf har'atti beellamee kan ture yemmuu ta'u, akkuma dhaddachi eegaleen Poolisiin miidiyaaleen dhaddacharraa naaf yaa ittifaman jechuun iyyateera.

Miidiyaaleen odeeffannoo sobaa tamsaasuun adeemsa qorannoorratti dhiibbaa geesisaa jiru kan jedhe Qorataan Poolisii, hawaasni ilaalcha dogongoraa akka qabaatu taasisaa jiru jedheera.

Kanaafis miidiyaaleen dhaddacha akka hinseenne manni murtichaa jala murtii akka kennu gaafataniiru.

Iyyata Poolisiin dhiyeesseen akka waliigalan mana murtichaatti kan himan abukaatoon weellisaa Andu'aalam Gosaa, miidiyaaleen odeeffannoo dhaddacha keessatti hindubbatamne gabaasuun shakkamaa, maatii shakkamaafii isaanirratti dhiibbaa kan qabu ta'uu himan.

Akka fakkeenyaattis odeeffannoowwan 'shakkamaan koonsartii akka dhiyeessuuf mirgi wabii yaa eegamuuf akkasumas abukaatoon shakkamaa yaadannoon guyyuu miidhamtuu (Qananii Addunyaa) harkakoo jira jedheera' jedhan kaasan.

Yaada poolisiifii abukaatoo kan dhaggeeffate manni murtichaa, dhaddachawaan kanaan dura turanirratti miidiyaaleen karaa sirriifii madaalawaa ta'een akka gabaasan ajaja dabarsuusaa yaadachiise.

Itti aansuunis miidiyaaleen adeemsa qorannoofii dhaddachaarratti dhiibbaa geesisaa jiru jechuun dhaddachi miidiyaaleef cufaa ta'ee akka adeemsifamu jalamurtii dabarseera.

Miidiyaaleen dhaddacha keessa turanis galmeen ilaalamee osoo hinxummuramin dhaddacha dhiisanii akka gadi bahan ajajeera. WTV

@tikvahethafaanoromoo  @tikvahorobot
👍545👎5👏2

group-telegram.com/tikvahethAFAANOROMOO/8409
Create:
Last Update:

BY TIKVAH AFAAN OROMOO

Share with your friend now:
group-telegram.com/tikvahethAFAANOROMOO/8409

View MORE
Open in Telegram

Telegram | DID YOU KNOW?

Date: |

Founder Pavel Durov says tech is meant to set you free Unlike Silicon Valley giants such as Facebook and Twitter, which run very public anti-disinformation programs, Brooking said: "Telegram is famously lax or absent in its content moderation policy." In addition, Telegram now supports the use of third-party streaming tools like OBS Studio and XSplit to broadcast live video, allowing users to add overlays and multi-screen layouts for a more professional look. However, the perpetrators of such frauds are now adopting new methods and technologies to defraud the investors. Sebi said data, emails and other documents are being retrieved from the seized devices and detailed investigation is in progress.
from ye

Telegram TIKVAH AFAAN OROMOO
FROM American